Pastor Paawuloos Ol'aanaa Dubbifne

Pastor Paawuloos Ol'aanaa

Pastor Paawuloos Ol'aanaa

Pastor Paawuloos Ol'aanaa Ayyaana Christmas( Dhaloota Kirstoos) fi waggaa haaraa ilaalchisee dhaamsa dabarsan.


Pastor Paawuloos Ol'aanaa guyyaa Dhaloota Kirstoos(Christmas) fi bara haaraa ilaalchisee dubbifneen, ayyaanni sababa walitti qabama hawaasaa tahuu nuu ibsan. Sababa Ayyaana kanaan maatii fi hiryaan walitti dhufee waliin dabarsa. Ayyaanni Dhaloota Kirstoos guyyaa sani irratti maatiin walumaan yoo kabajate iyyuu sanbattoota isa duraa waldaa Kirstaanaa dhaquun waliin waaqeffatu jechuun dubbatan.

Ijoolleen waldaa keessatti hirmaatnaa guddaa qabu jedhan Pastor Paawuloos, nuti akka saba Waaqayyootti, Waaqayyoon waan inni nuu godhe galateeffachuu, waan gaarii hojjechuu fi dhaloota daandii gaarii irratti gargaaruun hawwii keenya jedhanis Paastor Paawuloos.

Paastor Paawuloos Waggan Haaraan bara moofaa yeroo itti gaddaa fi gammachuun dabarsine, barri haaraan ammoo jireenya keenya irratti barri haaraan tokko dabalamuu agarra jedhan.

Ummata Melbourne jiraatuu fi kaaniifis nagaa fi fayyaa hawwaa, saba keenyaaf bara itti wawwaannaa, boo'ichii fi gadadoon irraa itti dhaabbatu akka tahun hawwa jechuun haasawa isaanii xumuran.

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service